Raawwii Hojiilee Caffee
Seera tumu.
Aangoo fi hojii Caffeedhaaf Heera Mootummaa fi seerota biroon kennameef keessaa tokko seerota qulqulluu, fedhii fi faayidaa ummataa eegsisan baasuu fi hojirra oolmaa isaanii hordofuudha.
Hordoffiifi To’annoo Hojii Qaamolee Mootummaa
Hojii Caffee keessaa inni guddaan biroo immoo karooraa fi raawwii Qaamolee Mootummaa hordofuufi to’achuu yoo ta’u, hojiin hordoffiifi to’annoo kunis ;
Hojiilee bulchiinsa gaarii, ol’aantummaa seeraa fi misooma mirkaneessuuf qaamolee Mootummaan karoorfamanii fi baajanni hojii kanaaf barbaachisu waggaa waggaan yaa’ii Caffeetiin ragga’aan akkaataa karoorfameen hojiirra ooluusaa hordofuun hojii iddoon guddaan kennameefii raawwatamaa tureedha. Caffeen Hojii kana raawwachuuf gurmaawina koreewwan dhaabbataa yeroo yeroon fooyyeessuun karoorri Qaamoolee Mootummaa naanichaa imaammataa fi tarsiimoo Mootummaan baase waliin walsimuu isaa mirkaneeffachuun raawwiin karoorichaa gabaasa kurmaana kurmaanaan dhihaatu fi daawwannaa dirree taasifamuun akkasumas gabaasa Pirezidaantii waggaatti yeroo lama, Mana Murtii Waliigalaa fi Mana Hojii Oditii Muumicha Oromiyaa dhuma waggaarratti dhihaatee akka gamaaggamau fi sirreeffamni barbaachisaan akka taasifamu gochuun hojjachaa turee jira. Manneen maree Aanaalee , Magaalotaa fi Gandootaas koreewwan Dhaabbii ijaaruudhaan to’annaa fi hordoffii qaamoolee Mootummaa sadarkaasaanii irratti