![]() ![]() ![]() ![]() | ||
Ejansiin Nageenya Infoormeeshinii Hojmaata Eeruu Malaamaltummaa Fi Qabeenyaa Ifoomse
Ejansiin Nageenya Infoormeeshinii guyyaa farra malaamaltumaa akka Ityoophiyaatti yeroo 16ffaaf akka addunyaatti yeroo 17ffaaf kabajamu kabajeera. Daayreektarri ejansichaa Dooktar Shumatee Gizaw hojmaata malaamaltummaa ittisuuf tajaajilu fooyyeessun danda’amuu eeraniiru. Hojmaanni haaraan kun tajaajila eeruu laachuu, galmee qabeenyaa fi gabaasa muul’isuuf kan tajaajilu ta’uu ibsaniiru. Odeeffannoowwan malaamaltummaan walqabatan qaamni kamiiyyuu bilbila harkaa, Koompiiyuutaraa fi Interneetii fayyadamuun iddoo jiruu eeruu laachuu akka danda’uu ta’ee kan qophaa’e ta’uu eeraniiru. Hojmaatichaan Komishinii Namuusaa fi Farra Malaamaltummaa waliin ta’uun kanneen qabeenya isaanii galmeessanii fi hin galmeessine haala salphaan adda baasuun kan danda’amu ta’uu ibsameera. Hojmaanni ejansichi ifoomse dhaabbileen mootummaa hundi akka itti fayyadaman kan taasiisu ta’uu itti aanaan Komishinii Namuusaa fi Farra Malaamaltummaa Komishinar Waddoo Axxoon ibsaniiru. Hojmaatichi farra malaamaltummaa bifa ammayyaan hordofuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.
Sagantaa har’aan hoggantoonni olaanoon Ejansii Nageenya Infoormeeshinii qabeenya isaanii galmeessisiisaniiru.
Dhaabbileen Nageenyummaa Saaybarii Isaanii Eeggachuuf Yaadota Furmaata Fudhachuu Qaban
Ragoonni dhiheenyatti ba’an akka mul’dhisannitti yoo ta’e, damee kaminiyyu, dhaabbilee guddaas ta’ee xiqqaa bakka kamittu argaman caarraan haleellaa saaybariif saaxilamoo ta’u isaanii olaanaa akka ta’e ni muul’dhisa. Ta’us dhaabbileen haleellaa saaybarii ittisuuf yaadota furmaata fudhachuu qaban keessaa:- -Imaammataa fi tarsiimoo nageenya saaybarii kalaquu fi hojiirra oolchu -Sagantaawwan garagaraa bulchiinsa sodaa nageenya saaybarii, balichaa deebisanii dandamachuu fi itti fufinsaan kalaquu fi hojiirra oolchu. -Kutaan hojii sodaa saaybarii akka walitti hin buneetti hundeessu. -Teeknooloojii barrii hojii isaanii dhumatee jijjiiruu fi ammayyeessu. – Dhaabbataatti haala saaybarii ittisu hojirraa oolchuu ta’uu ragaan Eejansicharra arganne ni muul’dhisa..
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Hojmaanni Fayyadamtoonni Seera Qabeessummaa Qorichaa Bilbilaan Mirkaneessuu Danda’an Ifoome Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Too’annoo Qorichaa Ityoophiyaa dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa (USAID) waliin ta’uun hojmaata fayyadamtoonni seera qabeessummaa qorichaa bilbilaan mirkaneessuu danda’an ifoomsaniiru. |